Oduu midiyaalee garaagaraa irraa walitti qindeesse mul’isa:
#VOA-afaan-oromoo
#BBC-afaan-oromoo
#Fanabc-afaan-oromoo
#OBN
Recent Posts
Leenjisaan Arsenaal Maayik Arteettaan tapha Tootenhaam waliin qaban dursuun akkamitti akka Tootenhaamiin mo'atan leenjisaa duraanii Arsenaal Arsen Weenger irraan gorsa barbaada jedhe.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/5KEnCl4
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/5KEnCl4
Viidiiyoon gareen Hamaas tibbanna gadhiisee tokkoo lammiilee Ameerikaafi Israa’el butaman Gaazaa keessa lubbuun akka jiran kan mirkanneessuudha jedhame.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/AWR5La2
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/AWR5La2
Manguddoon ganna 101 sababa daandin qilleensaa dogoggoraan umuriisaanii galmeessef irra deddeebin daa'ima jedhamanii waamamaa jiru. Taaten kun kan mudate UStti yoo ta'u, Daandin Qilleensa Ameerikaa yeroo tikeettif galmeessu akka waan manguddoon kun bara 2022 dhalataniitti galmeesse.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/c8qAVRv
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/c8qAVRv
Yunivarsiitiiwwan US bebbeekamoo keessatti mormii waraana Gaazaa keessa jiru ilaalchisuun gaggeeffamu hordofee jumlaan nama hidhuun raawwatamaa jira.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/WU1ibzN
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/WU1ibzN
Ameerikaa kutaa Koloraadoo, magaalaa Denver keessa Daandii 1710 E 25 manni bunaa [Espereessoo Baar] kan Itoophiyaa taate tokko jirti.Keenyan kaffee kanaa tokko ‘ashaakiltootaan’ kan uwwifame yoo ta’u, keenyan biraan ammoo hojiiwwan aartii gara garaatiin faayameera.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/c5fG1LU
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/c5fG1LU
Taphataan sarara fuuladuraa Liiverpuul Mohaammd Saalaah waldhabdee isaafi leenjisaasaa Yaargen Kiloop gidduutti uumameen booda gaafatamee, “kana dubbannaan har’a ibiddatu dhalata” jechuun sababa waldhabuu isaaniifi maal akka waliin jedhan dubbachuu dhiisuu filate.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/ECkgjyH
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/ECkgjyH
Dubartiin Iraaq miidiyaa hawaasummaarratti dhiibbaa uumuun beekamtu Oom Faahaad manashee magaalaa Baagdaad keessatti argamu fuulduratti rasaasaan ajjeefamte.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/08pCkNB
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/08pCkNB
Liivarpuul tapha darbii mersiisaayidiin Evartaniin mo'amuunsaa carraa waancaaf qabu itti dhiphiseera.Arsenaal dirreesaatti Chelsii, Maanchistar Siitiin ammoo direen ala Biraayitaniin amansiisanii mo'atan.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/rNPnydp
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/rNPnydp
Kan haaraa hundeeffame Naannoo Itoophiyaa Kibbaa godina Walaayitaatti, miindaan turuufi addaan ciccitee kaffalamuun rakkoo keessa akka isaan galche hojjetoonni mootummaa dubbatan.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/fi4DU1L
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/fi4DU1L
Waraana Kaaba Itoophiyaa hordofee Naannoo Amaaraa jalatti bulaa kan turan naannoo Raayyaatti bulchiinsi naannichi diriirsa erga diigame torban lama darbaa jira.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/ECtR3LO
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/ECtR3LO
Namni siyaasaa moora qabsoo ABO keessatti ejjennoo hin raafamne, yaadaan falmuutti ija hin laafnefi ''qaroo dhaloota haaraa dhaabichaati'' jedhamu, Obbo Battee Urgeessaa, halkan Ebla 10, 2024tti bari'u magaalaa Maqii keessatti ajjeefamee argame. Ofii Obbo Batteen eenyu?
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/vCq2mwD
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/vCq2mwD
Lammiilen Itoophiyaa heddu Dubaayi deemanii nyaata Itoophiyaa yoo dharra’an mana nyaataa kanatti goruun baramaadha. Manni nyaataa kun bulchiinsawwan Yunaayitid Arab Emireetis garaa garaa keessatti damee sagal banuun nyaata Itoophiyaa beeksisaa jira.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/xMnWVm7
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/xMnWVm7
Abbaan alangaa Obbo Taayyee Danda'aarratti al-tokkotti himannaa sadi banuu abukaatonsaanii BBC'tti himna. Abbaan alangaa seera yakkaafi labsii bulchiinsaafi to'annoo meeshaalee waraanaa eeruun himannaa banuu abukaatonsaanii Obbo Tuulii Baayyisaa BBC'tti himan.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/cz4A1NX
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/cz4A1NX
Daangaa naannoo Amaarafi Tigraay bakka naannoleen lamaan naafa mala jedhanii irratti wal-atakaraaniin wal-qabatee halli mul'taa jiru baay'ee akka isaan yaaddesse dura taa'an Komishinii Gamtaa Afrikaa Musaa Faqii Mahaamat ibsan.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/psgGmJx
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/psgGmJx
Maatiin imaltoota balaa xiyyaara Daandii Qilleensaa Itoophiyaa 737 Max 8n wagga shaniin dura lubbuusaanii dhabanii, kampaniin xiyyaara omisha balaa mudate kanaaf sababa ta'e Booyiing irratti himannaan yakkaa akka banamuuf Waajjira Haqaa Ameerikaa gaafatan.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/HNdT8mi
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/HNdT8mi
Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Yi giti isaanii Ministirri Dhimma Alaa US Antoonii Biliinkan ''sarara diimaa'' Chaayinaarratti akka hin ejjenne akeekkachiisan.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/zRKkHsO
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/zRKkHsO
Yunvarsitiin Kibba Kaaliiforniyaa (USC) kan Ameerikaa Loos Anjalasiitti argamu, sababii yaaddoo nageenyaatiin sirna eebbaa Caamaasaa 10 gaggeessuuf ture haquu beeksiise.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/Vin9KAE
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/Vin9KAE
Taanzaaniyaatti rooba cimaa tibbana roobee hordofuun lolaafi sigiga lafaa uumameen yoo xinnaate namoonni 155 du’u Ministirri Muummee biyyattii himan.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/5XelmO1
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/5XelmO1
Kilbani Ingiliz Kiristaal Paalas taphattoota collee lamaan Ebereechi Ezeefi Mikaa'el Oliiseef gatii baasii jira. Tokkoon tokkoo isaanif paawundii miliyeena 60 muree jira.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/XVIObky