Walaloon Jaalala Telegram Channel

Youtube Irraattis nu Argattu

https://www.youtube.com/c/KaachuuEntertainment

Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot

View in Telegram

Recent Posts

Deemuu keetii....?

Osoo waa'ee kee
Tartiiban tarreessuu
Osoo seenaa kee
Dhiiga koon barreessuu

Osoo barbaacha keef
Gufadhee caccabuu
Osoo hafuura keef
Sardamee gaggabuu

Osoo gaarummaa kee
Namootaf lallabuu
Osoo siif fiigee
Argaa keef dadhabuu

Ati deemuu keetii?
Naan jijjiirtee meetii

@Abdii_Nagahoo
Walaloo erguuf πŸ‘‰@Walaloo_bot
@Walaloon_Jaalala
SHAKKIIN KOOS DHUGAA TAATE

Shakkiin koos dhugaa taate
Safuudha kaa kun jaama
Akkaamin yoon maal godhee
Ani namaa amana

Sobni guyyaan shee baay'ee
Kan turtee gadii baatu anan
Haa nyaattu dhugaan somba
Soban bookoktuu..............


Dhugaan dhugaan beekama
Hin qabu jechaa biraa akkami
Dubbiin soba dhugaadhan
Akeekamaa kunillee sirri miti
Hubaadha kaa yaa jaama

Sami chalchisa
Walaloo erguuf πŸ‘‰@Walaloo_bot
@Walaloon_Jaalala
#KUULANIIKOO

Ganamaan ganamfadhee
yeroon hirribaa ka'u,
Arfiiwwan jaalalakee
sammuukootti walga'u.
Anis of dadammaqseen
ka'ee si dhandhamadha.
Jechootakee sanattin
afaan bule hiikkadha.

Akka damma daammuuti
dhandhamni jaalalakee;
Fuunfadhee hinquufu
urgaa foolii mormakee.
Jechoota jaalalakeetu
yaadakoo jige tumsa;
Gorora jaalalakee sanan
habbuuqqadhee liqimsa.

Abbaafi haatikee sunis
wareegamaan si dhalchanii,
Bareechanii kuulanii
harkakoo si galchani.
Kuulaniikoon siin jedha
anillee mararfadhee,
Maal-jedhuu namaa dhiisee
ofitti si hammadhee!
Maal-jedhuun warra ormaa
maal abbaashee na gooti?
Sinjaalladha kuulaniikoo
ati yoomiyyuu kankooti!

Sababa jaalalakoof jettee
alagaadhaan jibbamtee,
Baroota darban hedduudhaaf
waan hintaanes jedhamtee,
Har'as gargar nu baasuuf
yaaliin ormaa danuudha;
Anaaf sirraa adda ba'uun
eenyummaakoo ganuudha.
Yeroo siin si cabsani
Na dhukkuba addatti;
Naan haajibbani malee
eenyuunuu hindhiisu sirratti.

Hiika eenyummaakootii
situu na hubachiise;
Afaankoo si godhadheen
seenaakoo dubbachiise.
Seenaakoo doofummaarraa
kan luba baafte lubeekoo,
Yoomiyyuu sinjaalladha
naaf jiraadhu Qubeekoo!


Gaaddisaa Margaa
Walaloo erguuf πŸ‘‰@Walaloo_bot
@Walaloon_Jaalala
JAALALA KOO SIMADHU

Diyaamendii yoon dhabees
Isa gatiinsaa cimaa
Onneerraan si jaalladha
Jilbeenfadheen sitti hima!
~~~~
Murteessaan warqee mitiim
Warqee isa gatii jabaa
Jaalalli dhugaa taanan
Abaaboon hiika qaba!
~
Utuun onnee siif laadhee
Sagal kufee siif cabuu
Garaan kee amma kana
Natti jabaachuu hin qabu!!
~~
Kennaa waaqaatii malee
Jaalalli hin qabu cubbuu
Onneerraan si jaalladhaa
Tole naaf jedhi lubbu!!!

@Oro_Technolgy
Walaloo erguuf πŸ‘‰@Walaloo_bot
@Walaloon_Jaalala
Sin jaaladha giiftii koo
Jaalallee too dhugaa
Waa'ee yaadadheen
Halkaniif guyyaa mugaa

Guyyaa si argerraa kaasee
tan biraa hin laaluu
Takka hin agarre
Bareeda si caaluu
Yoo ati yaalte malee
Doktorri fedhe dhufee
Dhibee kiyyan yaalu

Qashtii nyaara kuulaa
Ta funyaan konkonaa
Si yaadaan jiraadha
Ani gannaaf bona

Baddaa baalee kanaa
Qamadiin asheetee
Fageenyat na dhoowwee
Waan si dhiise seetee

Halkanillee siyaadaa
bakka bulu ciisee
Jiraachuun dandayu an
____too dhiisee

Abdii Jr
Walaloo erguuf πŸ‘‰@Walaloo_bot
@Walaloon_Jaalala
Seequun kee ana sobaa
An asiin uradhee cobaa

Nama anaaf qaaliitti of akkeessitaa
Nama 'siifan du'a' jedhu of fakkeessitaa

Keessan gurraachoftee
Gubbaan natti iftaa
Summii hin muldhanne
Dhoksitee natti biiftaa

Soogiddadha ati
Garuu sobdee taata damma
Damma jedhee si dhamdhama
Garuu soogiddatu natti namma

Ajaa'iba!

Bitaachi yoo darbu
Mirgattin akkeeffamuu
Soogiddi soogiddaa
Dammattin fakkeeffamuu

Ati soogiddadha
Kuraa'aa bifaan adii
Yoomuu damman taatuu
Ija koo duraa badii!

Jamaal Rashiid
Walaloo erguuf πŸ‘‰@Walaloo_bot
@Walaloon_Jaalala
Siif maraadhee lachuu dhabee
Siif gufadhee kichuu cabee

Maraattuu sirnaa tahee
Namummaa keessaa bahee

Siif marmaaree lafa hundaa
Siif abaaree nama guddaa

Ati naaf hin hubanneπŸ’”

Onneen koo siif gaggabuu
Lafeen koo siif caccabuu

Siif okkolee, siif meelachuu
Siif dhukkaa'ee, siif eelachuu

Xiyyaara yaadan siif imaluu
Ati hin beekne siif hin galu

Gad hin ciisne takkaa dirraan
Si jaaladha keessaf irraan......

Jaalala koo naaf hubadhuu
Na yaali mee na fudhadhuu

BY:- Abdii Nagahoo
Walaloo erguuf πŸ‘‰@Walaloo_bot
@Walaloon_Jaalala
OBSII


Obsiimee obsaa koo
Dandaa'a hundumaa
Bara fakkaataa koo
Obsii kee addumaa

Guyyaa darbuu jirtuu
Hundumaa fudhaatte
Boruu hundaa argitaa
Yoo obsaa qabaattee

Soba sitti faarsee
Si halluus dhugaa kee
Waqayyoo si baasaa
Barbaddee Gumaa kee

Humnaa obsi qabu
Bultuus arguun oltuu
Har'af guyyaan hundu
Sitti dukkanooftus

Sami chalchisa
Walaloo erguuf πŸ‘‰@Walaloo_bot
@Walaloon_Jaalala
Balleessaa kee dhoksuudhaaf
Dadhabbii koo lakkooftu
Jecha kee waa'ee hin baafnen
Sababa naaf funaantu

Fuulli kee dukkanaa'u
Garaan kee fagoo yaaddee
Gaafasuma naaf gale
Deemuu akka barbaadde

Ani!!
Dhaabee si hin qabuuf malee
Sokkuun kee na dhukkuba
Innin foolii kee bare
Kan biraattoo na dhiba

Na hin hubanneef malee
Dhugaa onnee kooΒ  jalaa
IccitiiΒ Β  koodhaΒ Β  ati
Sirra maaltu naaf caala!

✍Gemechu Dima
Walaloo erguuf πŸ‘‰@Walaloo_bot
@Walaloon_Jaalala
Of Dagachuuf Dhuga!

Cabee hin ciisu jedhee.
Kokkolfaa okkolu
Dhiiga dhangalaasee
Ofumaaf wal lolu
Harki bitaaf mirgaa
Yoo ofii wal qalu
Cabus ciiseen laalu
Ana natti hin tolu

Wal hin dhaabu wal buqqisu
Biyyaaf labsii baasu
Ofiif of buqqisaa
Mee eenyutti labsuu
Dhadhaa baasa jedhee
Dhiiga jigsaa raasu
Nuttaa hafuu dhiisaa
Dhadhaaf dhiiga raasuu.

Garam adeemutti
Qaalii lubbuu baasu
Eenyuuf eenyuun ajjeesu
Eenyuuf immoo labsuu
Dhukkuba jibbiinsaa
Wal keessa facaasu

An bilisa jedhee
Anaa kophaa yaaduu
Yaada gaddatti jijjiiree
Fagaadheetiin badu

Osoo akkas taa'ee
Jiraachuuf yaaddayu
Maaliif machaa'uun koo
Gaaffii sitti ta'uu ?

Kanaafan akka raatuu
Daandii gubbaa kaadhee
Akeeka qabaafan
mataa gad qabadhee
Keessatti of dhoksuudhaaf
Dhugaatii bitadhee
Qabadhee naannaya
Ishii fira godhee.

Dhukkubni jibbiinsaa
Na keessatti wal horee
Firri na baqannaan
Dhugaatitti gore
Jibbiinsi na guute
Sammuun na tortore

Oduu hin dhaggeeffadhu
Dhagayee aaruurra
Dhugaatii bitadhee
Ishiin ta'e fira.

Naaf beekaa adaraa
An hin qabuu nagaa
Kanaafan machaa'ee
Asiif achitti jiga

Dhiiga koo jibbitee
Foon koo jaalattaaree
Maal koo barbaaduudhaaf
Ana na gorsitaree
Ana kan hin argin
Miidhama koo gartaaree?
Du'aa boollaa baaftee
Jiraa awwaaltaaree

Osoo narra yaa'uu
Imimmaan makee dhiigaa
Keessa koon kulkule
Dhoksuuf irra gogaa
Hin dhugin hin jedhin
Of dagachuuf dhugaa!

Dave kanure.
Walaloo erguuf πŸ‘‰@Walaloo_bot
@Walaloon_Jaalala
Namoonni chaanaala miseensa 30k ol qabdaniifi gurguruu barbaaddan @Walaloo_bot irratti nu dubbisaa.

Namootni chaanaala miseensa 2k ol qabdan kamuu beeksisa nu faana hojjachuu dandeessu @Walaloo_bot

@Walaloon_Jaalala
BAKKAA ARGAMA KEE

Kalessaa shaggar jirtaa
Har'a tatee Adaama
Maal dubbiin akkaana
Dubbiin walin maakama

Dhufee sin iyyafadhuu
Hin yaada'in yaa tiruu
Dhugaa dubbaachuu keef
Malee saababni biraa jiru

Teessoo kees iyyaafadhee
Anin hi dhufuu hin yaadini
Kalessaas kanan beekuu
Boruus hin baruu anii.....

Akkaasi jedhetan ture

Essaa jirtaa laata?
Shaggar moo adaama
Foolin urgaa keetii
Fagoodha na waamaa

Jedhetan yaade malee
Ani hin beekne biishooftu
Bakkaa guyyaa jalqaaba
Amboomati naf kootuu..

Sami chalchisa
Walaloo erguuf πŸ‘‰@Walaloo_bot
@Walaloon_Jaalala
Nan rakkadhe ......

Nan rakkadhe lammii koo
Rakkina keesa koo waadu
Kan an yeroo hundumaa
ciisee taa'ees itti aadu
Kana yoo an jedhu hedduudha
namni rakkina qabeeyati jedhee yaadu!

.................miti garuu...............

Rakkinni koo akkas mitii
hin dhabne waan nyaadhuu
Uffatas daareen beekuu
Nan qaba mana keessa jiraadhuu
Na jalaa hin dhipatinaa
Rakkina akkanaatif abadan harkan laadhuu
Nan beeka tooftaa ittiin
keessaa bahee jabaadhu!

............Rakkinni koo maali beektuu?............

Ilma namaa dadhabe
Jiruu addunyaa keessaa
Hedduutu jaalatamuuf jecha
natti of mimmi'eessaa
Shiraaf sharriisaa osoon beekuu
Gaarii natti of fakkeessaa
Afaaniin na dhungataa
Keessa isaa garuu
waanyootu bobeessa!

Isinirraa haa qabu
Hiiriyyaa fakkeessu
Kan bakka taa'e hundatti
Hanqina kee tareessu
Kan kufaatii keetiif
Haala hunda mijjeessu
Isinirraa haa qabuu
Hiiriyaa kijibduu
Boolla siniif qopheessuu!

Abdii Jr
Walaloo erguuf πŸ‘‰@Walaloo_bot
@Walaloon_Jaalala
Giiftii koo nagaatti... ❣

Madda madaa koo
Erga naaf hin arginee
Gaafa gadda kootii
Erga naaf hin gaddinee

Erga garaan kee
Jibbaa koo daraaree
Erga harki kee
Daba naaf hammaaree

Barri qataa.....
Natu hin beekin malee
Onneen tola caamee
Erga bitaa galee

Guyyaa gadda kootii
Erga naaf sirbitee
Guyyaa sadoo kootii
Erga naaf jibbitee

Anis
Onnee koo dararee
Maafan baasa aarsaa
Otoo na jibbituu
An maafan si faarsa ?

Erga na ilaaltee
Akka alagaatti
Anillee deemeera
Giiftii koo nagaatti..

Abdii Nagahoo
Walaloo erguuf πŸ‘‰@Walaloo_bot
@Walaloon_Jaalala
#Hin_Argamtu!

Burqaa baraan uursee yaa'uu
Onnee dhugaan anaaf na'uu
Jaalallee too kan dhuguma
Arjummaan kee hin qabu dhuma

Hojii humnaan cabde eeltee
Anaaf jette torba okkoltee
Rakkoo kamu obsaan baatta
Naaf jiisite godduu nyaatta

Ya dadhabee jette beetta?
Na dhukkubee jette ciifta?
Aduun baateef hin boqottu
Qorrii cimeef hin ollattu

Beeni baradhii nama ta'ii
Bakka hariyyaan geette ga'ii
Nattu jooree tuffatamaa
Ati naaf ta'ii kabajamaa

Si hin waraaniin qoreen takka
Natti siif caba miilaaf harkaa
Ati jiraadhu natti siif du'aa
Deemi ol-ba'ii natti gadii bu'aa

Ati qabaadhu nattu deegaa
Lakkii hin danfinii natti dhiigaa
Jette lubbuu kan nuuf laattu
Haadha male hin argamtu...

Mahammed Abduba
Walaloo erguuf πŸ‘‰@Walaloo_bot
@Walaloon_Jaalala
Kortee dugdatti baattee
Harmeekoo naaf cabde
Humnakee ganamaa
Ati anaaf dhabde
Yaaddoftee naaf yaadda
An hagabuu hin bulle
Bifakee naaf dhabde
Na gammachiisuufillee
Ofikee daartee
Anaan na uwwistaa
Nyaara guurtee hn beektu
Rakkookee in dhokfatta
Ofii kuftee cabdee
Gufachuu koo rifattaa
Eelaakeef bakka hn qabduu
Dugdakee hidhatta
Rakkinnikee ha darbuu
Gaariin sin darbinii
Kooriitii jiraadhu
Koreen sin waraanini
Hamtuuf hammeessituun
Si duraa ha miliqxu
Barri siif haa toluu
Lamuu hn argin miixuu
Ijakee aarri booresse
Harra gaarii ha arguu
Foonkee yaaddoon fixed
Bareedee ha marguu
Rabbi gadda kankee
Gurrakoo hin dhageessisini
Harmee koo caaltuu maraa
Hamtuun sin arginii

Deborah
Walaloo erguuf πŸ‘‰@Walaloo_bot
@Walaloon_Jaalala
Wuchaalee koo
intala Qayi bahirii
Abbaan kee maal jedhee
mee xinnoo naa hirii

koottu walii galaa akka Itiyoo-somalii
jaalalakoo baruuf qaanaa tv laali.
ani Itoophiya ati somali landii
siif fideetan dhufa bishaan hayilaandii.

ijikoon libsatuu sirraa dama nabsii
iddoin jireenyakoo as xaanaa balasii
illiwunnaa kootii cancala jaalalaa
ijiptiin mormituus anumat sii caalaa

Warri lixaa dhuftee fiddee rooppilanii
aninΒ  jijjiiramau akka xaaliyaanii.
si dhungachuuf jedheen taate kompileksii
qisimee tasabroo natti hir'ate obsi.

natti jajjabaattee yoo taates kaampaasii
teelee birrii hidheen siif bilbilaa kaasii.
Kolfiif saaqitaankee adaanach abeebee
fagoon jaalalakee yunavarsiitii waraabee.

Jaalalakeef jedhee yoon fakaaadhes faannoo.
qozimmee sabirrre naaf gameeera yaannoo.
haasaakoon qooaxxaraa yoo na taraddaate
asabish taradtoo magilacaa baastee
anchi yenee neshii yeigzeer daginnat
yommuun kana tsaafu argeera abbinnat.

@Eelaa125
Walaloo erguuf πŸ‘‰@Walaloo_bot
@Walaloon_Jaalala
Maarree
.
Maarree yoon si jaalle
Hundumaa calchisee
Siif kufee yoon ka'e
Orma maaltu Arsee?
.
Maarree yoon si farse
Akkuman fedhettuu
Taa'ee ennaan ka'u
Bakkuma hundattuu
.
Maarree yoon si jaalle
Orma maaltu galchee
Nama kaanii mitii
Abbumti na dhalchee
.
Dhugaan sitti himaa
Dhaga'i jaallee koo
Waa'ee kee yaaduurraa
Nan dhaabu waan tokkoo
.
Jaalallin siif qabu
Dachaan daddabalee
Maarree mal rakkoonsaa
Caalaa yoon si jaallee

Kaachuu
Walaloo erguuf πŸ‘‰@Walaloo_bot
@Walaloon_Jaalala
Booharuun, gammaduun
Daandii keerra naaf dhufaa
Garuummoo lamaansaayyuu
Yoo si dhabu na cufaa

Siin hiikama, siin bittinnaa'a
Yoon mukaa'ee tasaa
Tokko jedhee furamuu eegala
Inni na dhoowwatee haasaa

Eega mee ati
Furtuu, hiiktuu waa maraa
Ibsituu dukkanaa
Qajeelchituu karaa...

Qabbaneessitu onnee
Jirma hin gogne yoomuu
Buufata fayyaa caalee
Siin kan dhukkubbiin natti goomuu

Jamaal Rashiid Jr.
Walaloo erguuf πŸ‘‰@Walaloo_bot
@Walaloon_Jaalala
WAL BIRAA GALLEERA

Gabbatee soorataa
Jaalala koo baatu
Dhahanaa onneekoo
Kan sitti watwatuu

Kunuunsa akka killee
Eeggannoosaa tolee
Isaa sumaaf jedhee
Gaaddidduu koo lole


Godaambaa waalini
Seenaa bara qaataa
Walii galtee borii
Kayyoo walfakkaata

Isaa durii qaaritee
Dhokaatte argaakoo
Harammoo na gaafata
Bakkaa argaamaa koo

EGAA

Anatii ormoomtee
Ormaaf tatee aantee
Bakkeeti na dhiftee
Narratti godaantee

Achii na barbaadiin
Iddoo gaafa saana
Amma dabarree koo
Kan si dhisuu anaa

Ani meeshaa mitii
Kan dhugaatif nyaata
Gaafa feetee kessee
Gaafa feetee fuutu
Sumaatu fakkaataa

Dur waalin waalif taane
Waan bayyee tanneraa
Har'a garuu intaaloo
Wal biraa gaalleeraa

Gaafas......
Situu narraa siqqee
Barrisse akkaa allatti
Harammoo sin beeku
Giiftiikoo nagaati

Sami chalchisa
Walaloo erguuf πŸ‘‰@Walaloo_bot
@Walaloon_Jaalala

View in Telegram

Telegram Channel